Feestivaalli UKEE Wanciitti Kabajame

- Advertisement -
Sidebar AD

Feestivaalli Ukee, Hagayya 10,2026 Wanciitti kabajameera. dhaabbanni Piromooshinii Aartii aadaa dagatame qoranno irratti taasisun ayyaana UKEE /TAABOREE sadarkaa Feestivaalaatti olguddisun bifa waalatawaa ta’en waggaa waggaan kabajamaa akka addunyaatti akka beekamu gochuuf tokko jedhee imalasaa eegaleera.

Feestivaalli kunis,
~Aadaa bade deebisuuf
~Qorannoo duudhaa Oromoo ganamaaf haala mijeessuuf
~Daa’imman egeree biyyaa ta’an araddaa tokkotti akka wal argan haala mijeessun tokkummaaf jaalala aadaa fi seenaa isaani akka walirraa baran carraa uumuf
~Hawwata Tuurizimii ta’ee akka tajaajilu haala mijeessuufi kanneen kana fakkaataniif bu’aa akka qabaatutu akeekama.

Qaamoleen kallattii garaagaraan hojii kana nu waliin hojjechuu barbaaddanis, gamanumaan waamicha isiniif gochuu feena. Galatoomaa!
Borati art promotion
Visit Oromia
Back to the future!






Source: FastMereja

Comments

No comments yet.

- Advertisement -
Advertisement post bottom1

You might want to listen to: